Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan.
Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru.
Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru.
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru.
Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.