Dhaabbileen amantaa duudhaalee nageenyaa fi waloomaa cimsuun dhaloota ijaaruurratti qoodasaanii cimsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbileen amantaa duudhaalee nageenyaa fi waloomaa cimsuun dhaloota ijaaruurratti qoodasaanii cimsuu qabu
Bitootessa 5/2018(ENA)- Dhaabbileen amantaa duudhaalee nageenyaa fi waloomaa cimsuun dhaloota naamusa gaariin guutame ijaaruurratti qoodasaanii cimsuu akka qaban bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii ibsan.
Waltajjiin marii abbootii amantaa damee kaawunsilii Harar amantoota wangeelaa Itiyoophiyaaf magaalaa Hararitti gaggeeffameera.
Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii, abbootiin amantaa hordoftoota barsiisuudhaan lammiilee naamusa gaarii qaban horachuuf tattaaffii taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qaban waltajjicharratti kaasaniiru.
Barsiisa isaanii keessatti duudhaalee obbolummaa gabbisuudhaan hojjechaa akka jiran eeranii, duudhaalee nageenyaa fi waloomaa cimsuudhaan dhaloota naamusa gaariin guutame ijaaruurratti qoodasaanii olaanaa cimsuu qabu jedhaniiru.
Kaayyoon waltajjii kanaa yaadni garagaraa fayyadama ummataa gabbisan, biyya ijaaranii fi misoomsan akka kaafaman yaaduun ta’uu eeranii, ijaarsa nageenyaa, biyyaa fi dhalootaa irratti waloomaan hojii hojjennu cimee itti fufuu qaba jedhan.
Hirmaattonni waltajjichaas hojiileen misoomaa naannichatti hojjetaman kan nama jajjabeessan ta’uu kaasanii, dhaabbileen amantaa nageenyaa fi tokkummaa barsiisuudhaan biyyattiif misooma hunda galeessa fiduuf gumaachasaanii akka guddisan mirkaneessaniiru.