Tamsaasa Kallatti:

Shamarree Yunivarsiitii Madda Walaabuurraa Waancaa lamaa fi Meedaaliyaa lama argatte

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu guyyaa har’aa barattootaa kuma 1 fi 673 digirii jalqabaa fi lammaffaatiin kan eebbisiise yoo ta’u kana keessaa 492 dubartoota.

Ebbifamtoota keessaa gaarreen Baaleetiin gaditti Madda Walaabuurraa dammaqxee kan mul’attu barattuu Liinaa Wayyuu, dippaartimantii Maarkeetiingiirraa qabxii olaanaa 3.98 galmeessisuun Waancaa lama badhaafamteetti.

Milkaa’inni Liinaa guyyaa tokkotti kan argame osoo hin ta’iin bu’aa bayii hedduu keessa darbuun kan galmeessifte ta’uun yeroo eebbaatti yaada kenniteen ibsiteetti.

Liinaan barattuu wagga jalqabaa taatee yunivarsiitichatti yoo ramadamtu, suuraa barattoota kolleejotarraa qabxii olaanaa galmeessisanii boordii Yunivarsiitichaarratti yemmuu argitu suuraanshees carraan kun akka isa qaqqabu guddaa hawwite.

Hawwiirra darbee dhamaatii fi carraaqqiin dirqama ta’uu hubachuun karoorfattee barumsashee jala gadi teesse.

Murtee guyyaa jalqabaarraa dhaabachuun barumsashee digirii jalqabaa itti fuftee har’a kabaja guddaaf geesseetti.

Liinaan barattoota dubartootaa Yunivarsiitichaa keessaa tokkoffaa bahuun akkasumas barattoota walii galaa keessaa tokkoffaa bahuun Waancaa lamaa mo’attee meedaaliyaa lama argatteetti.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Dr. Biraanamasqal Xannaa, Yunivarsiiticharraa qabxii olaanaa galmeessuun kabaja kanaaf kan geese dhamaatii fi carraaqqiisheetiin ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf Yunivarsiitichi har’aa eegalee Liinaan miseensa Yunivarsiitichaa taatee fuulduras milkaa’ina biraaf akka geessu ishee gargaara jechuun mirkaneessan.

Galmi Yunivarsiitichaa barattoota bu’a qabeessaa fi hojii uuman hedduu horachuu ta’uu kaasanii, gama baruu fi barsiisuu, qo’annoo fi tajaajila hawaasaatiin jijjiirama fooyya’aa fiduuf hojjechaa jira jedhaniiru.

Sirna eebbaarratti keessummaa ta’uun kan argaman gorsaan ministira barnootaa Kindayyaa Gabrahiywoot, mootummaan dhaabbilee barnootaa olaanoo bu’a qabeessa gochuuf hojiilee garagaraa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Akkaataa damee dameen adda baafamee kennameefiin hojii qabatamaa keessa galuusaanii himanii, haala Kanaan hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojii riifoormii eegale cimsuun akkaataa adda baafamee kennameefiin dhimmoota hawaasa fayyadanirratti xiyyeeffannoosaa cimsee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015