Tamsaasa Kallatti:

Kolleejiin Saayinsii Fayyaa Finfinnee barattoota wal’aansaa 263 eebbisiise

Bitootessa 5/2018(ENA)- Kolleejiin Saayinsii Fayyaa Finfinnee barattoota wal’aansaa marsaa 54’f barsiise 263 eebbisiiseera.

 Kolleejichi yeroo ammaa dameelee wal’aansaa, faarmaasii, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroon idileedhaan barattoota kuma 5 ol barsiisaa jira.

Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana, qulqullina waliin gahiinsaa fi haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf hojii hojjetamu keessatti qooda bkka hin bu’amne qabu jedhaniiru.

Fooyyessi imaammataa, riifoormii fi labsii damee fayyaa raawwatamaa jiraachuu ibsanii, ogeeyyiin fayyaa hojiilee jijjiiramaa kanneenirratti hirmaannaa dammaqaa gochuun qoodasaanii akka cimsan hubachiisaniiru.

Eebbifamtoonni hojiisaaniitiin naamusa hojii hordofuun gara laafinaan tajaajiluu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Eggataa pirezidaantiin Yunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eel Kiflee gamasaaniin, Yunivarsiitichi Hospitaala Ispeehaalaayizdii Xuqur Anbassaa waliin ta’uun ogeeyyii fayyaa ga’ooman horachuun tajaajila fayyaa kennuun qooda guddaa bahaa akka jiru ibsaniiru.

Barattoonni harki 98 qormaata Yunivarsiitiirraa ittiin bahan darbuunsaanii qulqullinaa fi milkaa’ina Yunivarsiitichaa akka agarsiisu ibsaniiru.

Chiif eksikiyutiiv daarektariin kolleejii saayinsii fayyaa Yunivarsiitii Finfinnee doktar Raaheel Argaawu barumsa wal’aansaa teeknooloojii baraa waliin akka guddatu gochuuf kutannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kolleejichi yeroo ammaa digirii jalqabaa fi lammaffaatiin sagantaalee 116’n barsiisaa kan jiru yoo ta’u, barattoota walii galaa keessaa harka 47 kan ta’an dubartoota akka ta’an beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015