Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Pirezdaanti Taayyee Asqasillaasee

Bitootessa 4/2018 (ENA): Hariiroon dippilomaasii cimaan Itiyoophiyaa fi Noorweey damee adda addaatiin bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Pirezidaanti Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru.

Simpooziyeemiin mata duree “Itiyoophiyaa fi Noorweey Walta’iinsa Waggaa Kudhanii waldhaansa Onnee fi gabbisa Dandeettii fi adeemsa lubbuu baraaruu” jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Pireezdaanti Taayyee Asqasilaaseen walitti dhufeenyi dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Noorweey waggoota kurnan saddeet keessatti tumsaa fi michummaa cimaadhaan cimee akka ture yaadachiisaniiru.

Keessattuu walta’iinsi yaala onnee michooma cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan agarsissu ta’uu hubachiisaniiru.

Tumsi kun lubbuu baraaruu qofa osoo hin taane dhukkubsattootaaf abdii haaraa akka kennus ibsaniiru.

Ergamni tumsa kanaa inni guddaan lubbuu baraaruu ta’us, itti fufinsi isaa garuu ce’umsa beekumsaa fi teeknooloojiitiin kan mirkanaa’u ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf tumsi kun furmaata biyya keessaa fi tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa qabuun daran cimuu akka qabu dubbataniiru.

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan mootummaan Itiyoophiyaa Noorweey waliin hariiroo bara dheeraa damee adda addaatiin akka qabu ibsuun akka fakkeenyaatti dhaabbata Qorannoo Armawa Hansan jedhamu kan bara 1970moota irraa eegale kanaaf gumaacha guddaa gochaa ture eeraniiru.

Inistiitiyuutichi wiirtuu qorannoo yaalaa ta’ee Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane Afrikaattis ogeeyyii oomishuuf adda duree ta’uu hubachiisaniiru.

Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa ittisa dhibee irratti xiyyeeffate yeroo ammaa tajaajila fayyaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama ariifataa fidaa akka jiru Pireezidaantichi ibsaniiru.

Bu’uuraalee fayyaa cimsuun tajaajila kana dhaqqabamaa fi gatii madaalawaa taasisuuf mootummaan ciminaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan, hospitaalonni, dhaabbileen mootummaa, fi michoonni yeroo waliin hojjetan jireenya hawaasaa jijjiiruun akka danda’amu ibsaniiru.

Gama kanaan dameen dhuunfaa ga’ee isaa akka ba’us waamicha dhiyeessaniiru.

Hojiiwwan lubbuu baraaruu fi abdii deebisan irratti hirmaachuun yeroo hunda gammachuu guddaa akka ta’e kan eeran Pireezidaanti Taayyeen, milkaa’ina waggoota kurnan darban keessatti galmaa’eef bu’uura ta’e dinqisiifachuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015