Tamsaasa Kallatti:

Ministeerri Fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii, talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuufi

Bitootessa 4/2018 (ENA)- Ministeerri fayyaa Qorannoo kunuunsa daa’immanii fi Haadholii, kenna tajaajila karoora maatii fi talaalliirratti xiyyeeffatte gaggeessuuf ta’uu ibse.

Ministeerichi Yunvarsiitii Finfinnee fi Joon Hooppikiinsi waliin ta’uun qorannicha kan gaggeessu ta’u ibseera.

Qorannichi Sadarkaa biyyaalessaatti haala Eegumsa Fayyaa haadholii fi daa’immaniirratti Faayidaa guddaa kan qabu yoo ta’u hojiin dirree eegaluu ifoomeera.

Sagantaa qo’annichi itti ifoomerratti kan argaman Deetaan Ministira Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa akka ibsanitti, mootummaan sirna murtee ragaarratti hundaa’e ijaaruuf xiyyeeffannoo kennee lakkoofsa du’a Haadholii fi daa’immanii haala olaanaan hir’isuun danda’ameera.


 

Bu’aan kun galmaa’uu kan danda’e jijiiramaa asitti dhaabbilee fayyaa babal’isuun, galteewwan guutuunii fi haadholiin da’umsa duraa fi booda hordoffii wal’aansaa akka taasisaniif hubannaan uumamuusaan ta’uu ibsaniiru.

Qorannoon amma gaggeeffamu, keessattuu dhaqqabamummaa karoora maatiirratti, qulqullina kunuunsa fayyaa haadhoii fi daa'immanii, akkasumas waliin gahinsa talaallii ilaalchisee ragaa qabatamaa jiru baruu fi murteewwan imammata gara fuulduraatiif akka galteetti tajaajiluuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Yunvarsiitii Finfinneetti Diiniin Barnoota Fayyaa Hawaasaa Doktar Mulgeetaa Taammiree gamasaaniin, qorannichi kutaalee Hawaasa biyyaa (naannolee) hundaa kan hammatu ta’uu eeraniiru.


 

Qorannoon hojiirra oolmaa hordffii raawwii Itiyoophiyaa kun waggoota shaniif kan turu yoo ta'u, Ragaa qindaa’e sadarkaa biyyaalessaatti dhiyeessuun bu'a qabeessummaa damee fayyaa mirkaneessuu fi damee kanaan giddu-gala Ga’oomaa (excellence center) ijaaruuf mi gargaara jechuun ibsaniiru.

Sagantaa eegalchiisa hojii qorannoo kana irratti hoggantoonni fayyaa olaanoon Federaalaa fi Naannolee kan argaman yoo ta'u, ragaaleen qorannoo kanaan walitti qabaman tajaajila fayyaa fayyadamummaa hawaasaa caalaatti guddisuuf bu'uura akka ta'an ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015