Tamsaasa Kallatti:

Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti taasisan cimsuu qabu

Bitootessa 4/2018(ENA)-Abbootiin amantaa gumaacha nageenya, misoomaa fi walooma naannichaarratti timsaan taasisan cimsuu qabu jedhan bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan.

Waltajjiin marii sadarkaa naannootti abbootii amantaa Ortodoksii Itiyoophiiyaaf mata duree “mootummaa ida’amuu fi dhaabbilee amantaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Hararitti gaggeeffameera.

Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii waltajjicharratti akka jedhanitti, biyyi kan ijaaramu gumaachaa fi hirmaannaa hundaatiini.

Dhaabbileen amantaa naannichatti argamanis gama hundaanuu mootummaa waliin ta’uun hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Dhaabbileen amantaa nageenya gama mirkaneessuu fi hojiilee misoomaa hunda galeessa naannichatti eegalaman deeggaruun qooda irraa eegamu bahachaa akka jiran kaasaniiru.

Waldaan kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoos dhaloota ijaaruun, gama misoomaa fi guddina hawaasummaa fi dinagdeen, walitii hidhamiinsa ummattootaan fi kanneen birootiinis hojii jajjabeessaa hojjechuushee dubbataniiru.

Dhaabbileen amantaa akka cimanii fi gabbatan mootummaan gumaacha hedduu taasisuu dubbataniiru.

Dhaabbilee amantaa jidduutti obbolummaa gabbisuun hojii walitti dhiheenyaan hojjetan cimsuun akka barbaachisu himaniiru.

Hojii mootummaan naannichaa dhaabbilee amantaa waliin walitti dhihaatee hojjechaa jiruuf abbootiin amantaa maricharratti hirmaatan galateeffataniiru.

Hojiin misooma kooriidaraa fi kanneen biroo naannichatti hojjetaman magaalattii miidhagsaa fi jiraattotaaf itti quufinsa ummataas mirkaneessaa waan jiruuh hojii kana jajaniiru.

Fuulduras mootummaa cinaa dhaabachuun hojii misoomaa, nageenyaa fi waloomaa xiyyeeffannoon akka deeggaran mirkaneessaniiru.

Hooggantoonni olaanoo naannichaa, gaggeessitoonni mana amantichaa, luboonnii fi kanneen biroos saganticharratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015