Tamsaasa Kallatti:

Daandiin qilleensichaa hojiiwwan dorgomtummaa idil addunyaa isaa guddisuuf taasisaa jiru cimsuu qaba- Pireezidaanti Taayyee Asqasillaasee

Bitootessa 4/2018 (ENA): Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu Pireezidaantiin Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi To’ataan Olaanaa Dhaabbata Badhaasa Qulqullinaa Itiyoophiyaa Taayyee Asqasillaaseen ibsaniiru.

Gareen Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa badhaasa qulqullina biyyoolessaa 12ffaa irratti badhaasa tokkoffaa injifachuun isaa ni yaadatama.

Har'a Piziidaanti Taayyee Asqasillaaseen daandii qilleensaa fi hojii isaa daawwataniiru.

Pireezdaanti Taayyeen daawwannaa isaaniin akka ibsanitti, Daandiin Qilleensaa Federaalaa mallattoo biyyaati jedhani.

Daandiin qilleensaa kun guddina biyyaatiif gumaacha olaanaa taasiseef badhaasni qulqullina sadarkaa tokkoffaa akka isaaf malu qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan.

Daandiin qilleensaa kuni Itiyoophiyaa fi Afrikaa addunyaa waliin haala olaanaan walitti kan hidhe ta’uu eeruun, ciminni humna namaa fi aadaan hojii isaa kan irraa baratamuu qabu dha jedhni.

Dhaabbatichi dorgomtummaa idil-addunyaa isaa guddisuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufu dhaamaniiru.

Hojii gaggeessaan Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo akka ibsanitti, daandiin xiyyaaraa kun balaliiwwan isaa bakkeewwan idil-addunyaa fi biyya keessaatti babal’isaa jira jedhani.

Dhaabbata yeroodhaa gara yerootti tajaajila isaa fooyyessaa turee fi kanaaf badhaasa hedduu injifate ta’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis dorgomtummaa idil-addunyaa mirkaneessuuf tattaaffii keenya cimsinee akka itti fufnu isiniin mirkaneessa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015