Naannoo Oromiyaatti Xaa’oon kuntalli Miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyeenotaa fi Waldaalee hojii gamtaaf dhiyaate - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Xaa’oon kuntalli Miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyeenotaa fi Waldaalee hojii gamtaaf dhiyaate
Bitootessa 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti bara kana hanga ammaatti qonna arfaasaa fi gannaaf kan oolu xaa’oon kuntaalli miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyneenotaa fi Waldaalee Hojii Gamtaa dhimmi ilaallatuuf dhiyyachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Biirichatti Daayirkteerri misooma midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENA’tti akka himanitti; naannichatti oomishaa fi oomishitummaa dabaluuf hojii misooma qonnaa waqtii Arfaasaa fi Gannaa bara kanaaf qophiin gahaa taasifamuun hojiitti galameera.
Hojii kana keessattis ogeeyyii sadarkaa adda addaarra jiranii fi hoggantoota akkasuma qonnan bultoota waliin mariin bal’aan taasifamuu ibsaniiru.
Naannichatti karoora oomishaa fi oomishitummaa qonnaa qabame milkeesuuf galteewwaan qonnaa oomishaa fi oomishitummaa dabalan dhiheesuurratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Musxafaan eeraniiru.
Bara kana naannichatti qonna waqtii Arfaasaa fi Gannaf galtewwan qonnaa barbaachisan karaa Yuniyeenotaa fi waldaalee Hojji Gamtaa qofaan kan rabsaman ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaan Xaa’oon kumtaalli miliyoonni 5 tuqaa 2 Yuniyeenootaa fi Waldaalee hojii gamtaa dhimmi ilaallatuuf dhihaachuu himaniiru.
Dabalataan qonni kilaastaraan fi tekinolojiiwwaan oomishaa fi oomishitummaa dabalan biroo fayyadamuus xiyyeeffannoon hojjetama jira jedhaniiru.
Qonna waqtii Arfaasa bara kanaan godinaalee Oromiyaa sagalitti lafa heektaara miliyoona 1 tuqaa 9 misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Keessattu waqtii kana oomishaalee midhaanii akka Maashoo, Boqqoolloo, Mishingaa, Boloqqee, Qamadii, Garbuu, Atara fi kanneen biroo bal'inaan kilaastaran misoomsuuf hojjetama jirachuu eeraniiru.
Oomisha kanaaf kan oolus Xaa'oon kuntaalli miliyoonni 1 tuqa 1 fi sanyiin filatamaa kuntaalli kumni 600 ol qophaa'uu obbo Musxafaan himaniiru.
Dabalataan naannichatti waqtii ganna bara kanaan lafa heektaara miliyoona 11 ol misoomsuuf karoofamuu ibsaniiru.
Oomisha waqtii kanaafis Xaa'oo kuntaala Miliyoona 10 tuqaa 3 dhiheesuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru.
Dabalataan oomishaa fi oomishitummaa qonnaan bulaa dabaluuf naannaawa Asiidummaan biyyee itti baay'atutti Nooraa kuntaala kuma 400 qonnaan bulaaf dhiheesuuf karoorfamuu himaniiru.
Hojii hojjetamaa jiru kanaanis qonna waqtii Gannaarraa omisha kuntaala miliyoona 376 ol argaachuuf karoorfamuu ibsaniiru