Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa.
Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira.
Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera.
ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani.
Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani.
Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha.
Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.