Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo Godina Gaamootti maatii lammiilee sababa sigiga lafaatiin miidhaman jajjabeessan - ENA Afaan Oromoo
Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo Godina Gaamootti maatii lammiilee sababa sigiga lafaatiin miidhaman jajjabeessan
Bitootessa 4/2018 (ENA)-Afa-yaa’iin Mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo lammiilee sababa sigiga lafaatiin Godina Gaamootti miidhaman jajjabeessaniiru.
Afa-yaa’ii Taaggasaa Caafoo Lagni Kulfoo guutuun Magaalaa Arbaaminichitti qabeenyaa fi bu’uuraalee misoomaarra miidhaa geessise guyyaa kaleessaa irra deemanii daawwatanii, lammiilee miidhaan isaan irra qaqqabeef deeggarsi akka isaaniif taasifamuuf waamicha dhiyeessuunsaanii ni yaadatama.
Guyyaa har’aa bakka jajjabeessuuf qophaa’etti argamuun maatii miidhamtootaa jajjabeessaniiru.
Bulchaa Naannoo Gidduugaleessa Itiyoophiyaa Xilahuun Kabbadaa dabalatee, Hoggantonni olaanoon Godina Gaamoo fi Arbaa Minci bakkichatti argamaniiru.