Tamsaasa Kallatti:

Qonnaan bultoonni Aanaa Dabra Libaanoos Qamadii Jallisii Boneen Facaasaan kunuunsaa jiru

Bitootessa 4/2018 (ENA)- Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabra Libaanoositti Qonnaan Bultoonni Qamadii Jallisii Boneen facaasanirraa callaa gaarii argachuuf kunuunsa jiraachuusaanii himaniiru.

Aanichatti Qonnaan bulaan ganda Xummaanoo obbo Dirribaa Magarsaa akka jedhanitti, misooma qamadii jallisii boneerraa bu'aa gaarii argachuuf kunuunsa jirachuusaanii himaniiru.

Dabalataanis baroottan darbe misooma qamadii jallisiirraa bu'aa gaarii argachuu isaanii himuun,bara kanas lafa heektaara tokkoorraa callaa kuntaala 50 ol argachuuf karoorfaatanii hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Anichaa biroon obbo Bokee Daffaruu akka himanitti, lafa heektaara 1 tuqaa 5 irratti qamadii jallisii boneen misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.

Deeggarsi gama waajjira Qonnaan taasifamaafii akka jirus ibsaniiru.


 

Qonnaan bultoonni hanga dhamaatii isaanii bu'aa argachuu qaban akka argataniif deeggarsaa ogummaa fi hordoffii itti fufiinsa qabu taasiifamaa jiraachuu isaa Abbaan Adeemsaa Misooma Midhaanii fi Eegumsaa Biqiltuu Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanichaa Obbo Salamoon Ingidaasheet himaniiru.


 

Bara kana akka aanichaatti qamadii jallisii lafa heektaara kuma 8 fi 590 sanyiin facaafamerraa callaan kuntaala kuma 400 fi kuma 25 argachuuf hojii kunuunsa irratti xiyyeeffattee hojjatamaa jiraachuu Obbo Salamoon dabaluun himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015