Tamsaasa Kallatti:

Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf  hirmaannaa dubartootaa cimuu qaba

Bitootessa 3/2018 (ENA)- Badhaadhina fulla’aa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hirmaannaan dubartootaa gama hundaan caalaatti cimuu akka qabu ibsamera.

Guyyaan dubartoota Addunyaa waggaa 50ffaan mata duree “sagalee dubartootaa Walqixxummaa fi  Itiyoophiyaa Badhaateef ” jedhuun     Yuunvarsiitii Ambootti   kabajaameera.

Saganticharratti kan argaman Deetaan Ministira  Fayyaa Doktar  Fireehiwoot Abbabaa guddinaa fi Badhaadhina biyyaaf  hirmaannaan dubartootaa  murteessadha jedhaniiru.


 

 Dubartoonni  durii eegalanii  nageenya, birmadummaa fi misooma biyya keenyaaf  hirmaannaa  guddaa taasisa turuusaanii eeruun, ammas hirmaanaasaanii caalaatti guddisuuf  hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

 Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun kan danda'amu carraaqqii mootummaan qofa osoo hin taane, dubartoonni mataan isaaniin ilaalcha "ni dandeenya" jedhu guddifachuun dameewwan hojii hundarratti dammaqinaan hirmaattota  yoo ta’anidha jechuun  hubachiisaniiru.


 

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo doktar Bay’isaa Lataa, Guyyaa Ayyaana  dubartootaa kan kabajnu yeroo murtaa'eef qofa ta'uu akka hin qabnee fi dameewwan hundaa keessatti kabajaa fi beekamtii dubartootaaf malu haala itti fufiinsa qabuun kennuun ta’uu  qaba jechuuun  dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015