Tamsaasa Kallatti:

Yuunivarsiitichi hojii hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan hojjechaa jira

Bitootessa 3/2018 (ENA)- Hojiiwwan hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan haala qooda fudhattoota hirmaachiseen hojjechaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Biraanamasqal Xannaa ibsan.

Yuunivarsiitichi guyyaa ayyaana dubartoota Addunyaa Mata duree “ Sagalee dubartootaa Walqixxummaa fi Itiyoophiyaa Badhaateef ” jedhuun qophiiwwan garaa garaan kabajaa jira.


 

Saganticharratti Doktar Biraanamasqal Xannaa akka ibsanitti, waggoottan jijjiiramaa keessatti hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan argamaa dhufeera jedhani.

Keessumaa hirmaannaa dubartootaa gama dinagdeen, hawaasummaanii fi siyaasaa keessatti qaban guddisuuf tattaaffiin taassifamuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi dubartoonni hojii baruu fi barsiisuu fi qorannoo keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan xiyyeeffannoo kennuusaa eeraniiru.

Barattoota dubaraa gahoomsuun hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuun olitti, tattaaffii qulqullina barnootaa mirkaneessuu sadarkaa biyyoolessaatti taassifamaa jiru kan deeggaru ta’uu Pirezidaantichi ibsaniiru.


 

Dabalataanis, dubartoonni barnootaan, qorannoon, murtee kennuurratti hirmaanaan qaban fooyya’aa dhufuu isaa eeruun, Yuunivarsiitichi bu’aa argame caalaatti guddisuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Yuunivarsiitichatti Daarektarri dhimma dubartootaa fi hirmaachisummaa Liidiyaa Tikkuu gama isaaniin; hirmaannaa barnoota barattoota dubartootaa mirkaneessuun cinatti,Yuunivarsiiticha keessatti hirmaannaan dubartootaa hooggansa olaanaa keessatti akka dabalu hojiin itti fufiinsa qabu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Saganticharratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aantuun Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Egeeumsa Naannoo aadde Fireenesh Makuriyaa guyyichi dhaabbilee olaanoo keessatti kabajamuun dubartoonni sochii hunda galeessa biyyattii keessatti hirmaannaa qaban qo’annoon deeggaruuf akka gargaaru dubbataniiru.

Saganticharratti dubartoota barattootaa barnootasaaniin qabxii fooyya’aa galmeessaniif beekamtii fi badhaasni kan kenname yoo ta’u, fayyadamummaa dubartootaan hojiiwwan misoomaa hojjetaman akka daawwatamanis dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015