Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu - ENA Afaan Oromoo
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira.
Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru.
Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru.
Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru.
Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru.
Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru.
Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra