Tamsaasa Kallatti:

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra

Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani.

Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani.

Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani.

Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru.

Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani.

Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan.

Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru.

Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru.

Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015