Hojiileen Kunuunsa Bineensota Bosonaa fi Qabeenya Uumamaaf taasifame Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa dorgomaa akka taatu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Kunuunsa Bineensota Bosonaa fi Qabeenya Uumamaaf taasifame Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa dorgomaa akka taatu taasiseera
Bitootessa 3/2018 (ENA): Hojiileen damee kunuunsa bineensota bosonaa fi qabeenya uumamaa keessatti hojjetaman guddina ikkoo-tuurizimiidhaaf haala mijataa uumuun, Itiyoophiyaa bakka turizimii dorgomaa taasisuu isaa Ministeerri Tuurizimii beeksise. Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa mata duree “Waggaa 60 Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaaf” jedhuun sagantaa kabaja hundeeffama waggaa 60ffaa gaggeessaa jira.
Saganticha irratti kan argaman Deetaan Ministeera Tuurizimii Silashii Girmaa akka ibsanitti, abbaan taayitichaa waggoota darbanitti bineensota bosonaa, qabeenya uumamaa fi sirna ikkoo naannoo eeguuf hojiiwwan bal’aa raawwachaa tureera jedhani.
Itiyoophiyaan qabeenya turizimii adda addaatiin kan badhaate ta’uu kan hubachiisan deetaan inistiraa kuni, hojiiwwan damee kunuunsaa irratti hojjetaman carraa haaraa ikkoo-tuurizimii uumeera jedhan.
Kunis baay’ina daawwattootaa dabaluu, galii sharafa alaa cimsuu fi carraa hojii lammiilee uumuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, dameen kun ammallee qormaata akka bineensota seeraan ala adamsuu fi daldala seeraan alaa, akkasumas jijjiirama qilleensaa furuuf tattaaffii waloo akka barbaachisu dubbataniiru.
Dhaabbatichi waggoota kurnan jahan darban keessatti paarkiiwwan biyyoolessaa hundeessuuf, qabeenya uumamaa eeguu fi daldala bineensota bosonaa seeraan alaa ittisuuf hojii bu’a qabeessa ta’e raawwachuu isaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Kumarraa Waakjiraa ibsaniiru.
Yeroo ammaa guutuu biyyattiitti bakkeewwan eegumsa qorannoo irratti hundaa’an 87 jiraachuu beeksisaniiru.
Dhaabbatichi hundeeffama waggaa 60ffaa isaan, eegumsa bineensota bosonaa Itiyoophiyaa fi bakka jireenyaa isaaniif gumaacha inni taasise sagantaalee agarsiisaa fi qophii mariin ni kabajama jedhameera.