Waraqaan eenyummaa biyyoolessaa Faayidaa hojiiwwan yakka ittisuu fi qorannoo yakkaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira - ENA Afaan Oromoo
Waraqaan eenyummaa biyyoolessaa Faayidaa hojiiwwan yakka ittisuu fi qorannoo yakkaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira
Bitootessa 3/2018 (ENA): Waraqaan eenyummaa biyyoolessaa “Faayidaa” hojiiwwan yakka ittisuu fi qorannoo yakkaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira jedhan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el.
Dhimma Waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Faayidaa irratti waltajjiin hubannoo uumuu hoggantootaa fi miseensota poolisii federaalaa fi naannoleetiif kennamu gaggeeffamaa jira.
Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita sana akka himanitti, hojii nageenyaa fi tasgabbii eegsisuu bu’a qabeessa taasisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhani.
Keessattuu gochoota yakkaa bifa adda addaa fi eenyummaa adda addaa fayyadamuun raawwataman ittisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu eeruun, yakkoota walxaxaa fi daangaa qaxxaamuraa to’achuu keessattis gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Qaamolee ummata gowwomsuun gocha yakkaa raawwatan to’achuuf bu’aa hedduu qaba jedhaniiru.
Waajjira poolisii ismaartii dabalatee sirni ittisa yakka ammayyaa hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, sirnoonni akkanaa Faayidaa waliin walitti hidhamuun bu’aa guddaa akka argataniif ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Yodaahee Ari’ayaa Sillaasee akka ibsanitti,Waraqaan eenyummaa Faayidaa hanna sanadootaa ittisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatani.
Akkasumas waraqaan eenyummaa Faayidaan tajaajila waraqaa malee fi gahumsa qabu dhaqqabamaa taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.
Waraqaa eenyummaa Faayidaan seera kabachiisuu fi ittisa yakkaaf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, sirna dijitaalaa kanas guutummaatti dhaqqabamaa akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhan.