Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra - ENA Afaan Oromoo
Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra
Bitootessa 3/2018(ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda isaa bahuuf qophaa’uusaa federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibse.
Filannoo walii galaa baranaaf paartileen ggaragaraa 47 kaadhimamtoota kuma 1 fi 934 kan galmeessisan yoo ta’u, galmeen filattootaas eegalamee adeemsarra jira.
Dargaggoonni filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaanii akka bahan hojjechaa akka jiru federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibsaniiru.
Pirezidaantiin federeeshinichaa dargaggoo Sisaayi Abarraa akka ibsetti, waldaa dargaggootaa magaalattii waliin ta’uun, naamusa, seerotaa fi dambiiwwan filannoo irratti miseensotasaaf hubannoo uumeera.
Federeeshinichi miseensotasaa filannoo taajjaban boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaaf erguusaa beeksiseera.
Pirezidaantiin waldaa dargaggootaa magaalaa Adaamaa dargaggoo Abdallaa Gelloo gamasaatiin, gurmaa’insoota magaalaa, godinaa fi aanaaleetti qindeessuun filannichi haqa qabeessa, bilisaa, demokiraatawaa akka ta’uu fi karaa nagaa akka gaggeeffamu waldichi hojjechaa jira jedheera.