Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaa-galan saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaa-galan saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufeera
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaagalanii saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufuusaa hojii gaggeessaa olaanaan Invastimanti Holdingii Itiyoophiyaa doktar Buruuk Taayyee dubbatan.
Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa,Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalchiiseera.
Boba’aa deeggarsa mootummaan guddaan dhihaatu walitti hidhaminsa hanga gurgurtaa gatii tilmaamameen alatti, daldaltoota seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera.
Akka doktar Biruuk Taayyee ibsanitti; dhaabbilee Holdiingichaa jala jiran keessaa tokko kan ta'e Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa, badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa waliin kan wal gitu sadarkaa olaanaadhaan dirqamasaa akka ba’uuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Sochii daldala Al-ergii fi Alaa galan saffisiisuuf dhaabbata qooda murteessaa qabu, gurmaa’insaa fi hoj-maata ammayaa’aan deeggaruun tajaajila si’ataa fi olaanaa akka kennuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uusaanii ibsaniiru.
Guyyaa har’aa Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalan agarsiistuu kana ta’uu eeruun, gara fuulduraatti Gaazii Uumamaa Itiyoophiyaan qabdu kan fayyadaman Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 gara hojiitti galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.
Hojiiwwan hojjetamaa jiran hanqina konkolaattota fe'umsaa furuun, damichaan dhaabbata filatamaa Afriikaa ta'uuf imala taasifamu kan milkeessan ta'uu ibsuuniiru.
Deeggarsii fi xiyyeeffannoon Dhaabbatichaaf taasifamu cimee akka ittifufu eeruun, konkolaattota fe'umsaa gurguddoon hojii eegalan kun ergama Ambaasaddarummaa Itiyoophiyaa ogummaa fi dandeettii olaanaa fi naamusni ogummaa guutuu ta'een akka ba'atan dhaamaniiru.
Hojii raawwachiisaa Olaanaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa Injiinar Abdulbashir Shamsuu gamasaaniin; xiyyeeffannoo fi deggarsi dhaabbatichaaf kenname, socho’iiwwan Al-ergii fi Alaa galan dandeettii fi kutannoo olaanaadhaan galmaan gahuuf dandeessisaa akka jiru dubbataniiru.