Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru.
Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru.
Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru.
Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru.
Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru.
Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.