Tamsaasa Kallatti:

Magaalichatti misooma nama giddugaleeffate irratti hojjetameen, jireenya harka qalleeyyii kan fooyyessan hojiin milkaa’aa hojjtameera

Bitootessa 2/2018 (ENA): Magaalaa Finfinneetti misooma nama giddugaleeffate irratti hojjetameen, jireenya harka qalleeyyii kan fooyyessan hojiin milkaa’aa hojjtameera jedhani kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen manneen piroojektoota misoomaa adda addaa keessatti ijaaraman maatii galii gadi aanaa qabaniif, qaama miidhamtootaa fi namoota oolmaa biyyaaf oolaniif,akkasumas namoota haala rakkisaan mana Gandaa keessa jiraataniif kutaa magaalaa Lidataa naannoo Saarbeetitti kan ijaarame dabarsanii kennaniiru.


Kantiibaan kun ergaa isaaniikeessatti fedhii mana jireenyaa lammiilee magaalattii guutuuf manneen ammayyaa hedduun ijaaramanii jiraattotaaf dabarfamuu isaanii ibsaniiru.
Fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf tattaaffiin mootummaan taasisaa jirus itti fufuu akka qabu ibsaniiru
Lammiilee haala rakkisaa keessa jiraachaa turanif manneen sadarkaa fi ammayyaa ijaaranii dabarsuu danda’uun milkaa’ina guddaa ta’uu hubachiisaniiru.



Har'a walharkaa fuudhinsi manaa adda kan godhu kanaan dura bakka dhiphoo abbaa warraan shan qofti jiraatu turerratti gamoo ammayyaa abbaa warraa 70 keessummeessuu danda'u ijaaramee jiraattotaaf dabarfamuu isaati jkedhani.
Piroojektoonni misoomaa ummata irratti xiyyeeffatan magaalaa guddoo keessatti jireenya namoota saaxilamoo fi jiraattotaa haala itti fufiinsa qabuun fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa akka jiranis ibsaniiru.

Aadde Adaanech akka jedhanitti bakki jireenyaa bareedaa fi mijataa ta’e ijaaramaa jiraachuu eeruun, akkasumas jireenya kabaja lammiileef malu uumamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015