Tamsaasa Kallatti:

Boba’aa deeggarsa mootummaatiin dhihaatu kanneen gatii fi bakka gurgurtaatiin alatti karaa seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale

Bitootessa 2/2018(ENA)- Boba’aa deeggarsa mootummaatiin dhihaatu kanneen gatii fi bakka gurgurtaatiin alatti karaa seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu eegaluu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee beeksisan.

Ministirri maallaqaa ibsa gaazexessotaaf kennaniin,mootummaa haala addunyaa jijjiiramaa keessatti dhiibbaa ummatarra gahu xiqqeessuuf doolaara biiliyoonatti lakkaa’amu deeggarsa taasisaa jira jedhaniiru.

Mootummaan boba’aa ummata biraan gahuuf wagga waggaan sharafa alaa doolaara biiliyoona 4 tuqaa 2 ol ramaduun hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Sirreeffamni gatii kaleessa taasifame gatii boba’aa addunyaa mootummaan bitu waliin wal bira yoo ilaalamu xiqqaa ta’uu dubbataniiru.

Boba’aa mootummaan kutannoo guddaan dhiheessaa jiru gatii kaa’amee fi bakka gurguramuu qabutti gurguramaa akka hin jirre qorannoon mirkanaa’uu ibsaniiru.

Haala Kanaan qaamolee seeraan ala hawaasarratti dhiibbaa uumanii fi kanneen isaaniin wal ta’anii socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale cimee itti fufa jedhan.

Hawaasnis gochoota seeraan alaa akkasii yoo arge eeruu kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015