Misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa ijaaramaa jiran haala jireenya keenyaa jijjiireera – jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa ijaaramaa jiran haala jireenya keenyaa jijjiireera – jiraattota
Bitootessa2/2018(ENA)– Misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa ijaaramaa jiran haala jireenya keenyaa jijjiireera jedhani jiraattonni naannoo Hararii.
Misoomni Koriidaraa Magaalota Naannooleetti hojjetamaa jiran Magaala qulqulluu fi mijattuu uumaa jira.
Naannichatti aanaalee baadiyyaa hundatti sagantaa misooma koriidaraan hojiin qe’ee modeelaa ijaaramanii babal’isuun akka hojjetaman itti aantuun Bulchaa Naannoo Hararii Roozaa Umar dubbatan.
Jiraattonni Naannichaa yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, naannichatti Manneen Misooma koriidara baadiyyaan ijaaraman haala jireenyaa ammayaa’aa akka hordofnu nu taasiseera jedhaniiru.
Naannichatti aanaa Soofii ganda Burqaa kan jiraatan obbo Jamaal Bakar akka ibsanitti, misooma koriidaraa fi qe’een modeela naannosaaniitti ijaarame naannoosaanii miidhagsuurra darbee, kan duraarra jireenya fooyya’aa jiraachuu akka eegalan isaan taasisuu dubbatani.
Kanaafis, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hoggantoota Naannichaa galateeffataniiru.
Jiraataan aanichaa biroon obbo Abdurra’uuf Adam gamasaaniin, hojiin misooma koriidaraa baadiyyaa naannoo jireenya baadiyyaa mijataa uumuun fayyadamoo isaan taasisuu dubbataniiru.
Qe’een modeelaa mootummaan nuuf ijaare naannoo kana bareechee jira; Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad waliinis asitti wal arginee waliin dabarsuu keenyatti baay'ee gammadneerra jedhaniiru.
Itti aantuun Bulchaa Naannoo Hararii aadde Roozaa Umar ENA’f akka ibsanitti, naannichatti haala jireenya qonnaan bulaa jijjiiruun jireenya fooyya’aa akka jiraatuuf kan dandeessisu hojiiin misooma koriidara baadiyyaa hojjetamaa jira jedhani.
Kanaanis hojiin ijaarsa daandii Misooma Koriidaraan Magaalattiitti hojjetaman gandoota baadiyyaa waliin wal- quunnamsiisuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Keessumaa manneen Modelaa aanaa Soofii Ganda Burqaatti ijaaraman baasii xiqqaadhaan meeshaalee naannoo sanatti argamanitti fayyadamanii manni jireenyaa moodela ta'e ijaaramuu akka danda'u kan agarsiise ta'uu dubbataniiru.
Naannichatti baatiiwwan sadan itti aananitti misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa 250 ijaaruun hojiin babal’isuu ni hojjetama jedhaniru.
Hojiin ganda moodeelaa, babal’isuu faayyadamummaa bu’uuraalee misoomaa giddu-gala godhatee fi haala qindaa’een raawwatamu kun, mootummaa qofa osoo hin taane jiraattotas kan hirmaachise ta'uu akka danda'u eeraniiru.
Gidduu kana Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad , Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi Hoggantoonni hojii olaanoon Federaalaa Naannoo Hararii daawwachuunsaanii ni yaadatama.