Tamsaasa Kallatti:

Manni maree walii galaa galteewwan waldhaansaa fi qorichaa Hospitaalotaaf oolu kan birrii miiliyoona 101 olitti tilmaamamu gumaache

Bitootessa 1/2018 (ENA)- Manni maree walii galaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa galteewwan waldhaansaa fi qorichaa Hospitaalota shaniif oolu kan birrii miiliyoona 101 olitti tilmaamamu deeggarsa gumaacheera.

Deeggarsi ejensii misoomaa Musliimota Itiyoophiyaan gumaacha taasifame kun qindeessummaa Uztaaz Abubakar Ahimadiin Musliin eeyid Ameerikaarraa akka argame ibsameera.

Pirezidaantiin mana maree waliigalaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa, dursaan itti aanaa pirezidaantii mana marichaa Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiin, de’eetaan ministira fayyaa Saharellaa Abdullaahii fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Deeggarsi kun Hoospitaala walii galaa Abboomsaa, Hoospitaala walii galaa Kombolchaa, Hoospitaala sadarkaa jalqabaa Cinaaksan, hoospitaala sadarkaa jalqabaa Gunchiree fi hospitaala sadarkaa jalqabaa Quwaanxeef kan oolanidha.

Manni marichaa dirqama amantaa bahuudhaan fayyadama hawaasummaa fi dinagdee lammiileerratti dammaqinaan hirmaachaa jira jedhan Pirezidaantiin mana maree walii galichaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa wayita kana.

Qorichii fi galteen wal’aansaa hospitaalota shaniif kenname kun baatiin Ramadaanaa kan waliif yaaduu fi walgargaaruu ta’uu qabatamaan akka mirkaneessu ibsaniiru.

De’eetaan ministira fayyaa Saharallaa Abdullaahii, deeggarsi hospitaalotaaf kenname kun dhaabbilee fayyaaf humna dabalataa ta’uu ibsuun ibsuun galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015