Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuuf hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru

Bitootessa 1/2018 (ENA): Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti, hojiiwwan fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuuf hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisanii jedhani.

Ministeerri Fayyaa galteewwan yaalaa fi meeshaalee yaalaa deeggaruuf dhaabbilee michuu adda addaa waliin waliigaltee waggaa sadii mallatteesseera.


 

Akka waliigaltee kanaatti meeshaalee galteewwan yaalaa Dolaara Ameerikaa miiliyoona 282.4tti tilmaamamu waggoota sadan dhufaniif michoota kanaan kan kennamu ta’a.

Deeggarsi kun argamuun haadholiif, daa’immanii fi karoora maatiif kan oolu galteewwan kan dabalu yoo ta’u, damee yaalaa ammayyeessuuf hojii eegalame ni cimsa jedhameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti hojiin damee fayyaa keessatti hojjetamaa ture bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Waggoota darban keessatti lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti dahan dabaluu isaa kan ibsan yoo ta’u, qaqqabummaa tajaajila karoora maatii babal’isuuf hojiin guddaan hojjetamuu isaa hubachiisaniiru.

Tajaajilli yaalaa da’umsa duraa fi da’umsa boodaa bilisaan haadholii dhaabbilee fayyaa mootummaa keessatti kennamaa ture guddina kana keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsuun, kana galmaan ga’uuf kutannoo mootummaan qabuuf deeggarsi hawaasaa fi michootaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.


 

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Nizarlaandi Kiriistiin Pareen gama isaaniitiin Itiyoophiyaan biyya michuu barbaachisaa ta’uu eeruun tumsi daldalaa, invastimantii fi fayyaa biyyoota lamaanii cimee jira jedhan.

Waliigalteen kun bu’aa ba’ii Itiyoophiyaan du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu irratti galmeessite jajjabeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Bakka bu’oonni dhaabbilee michuu biroos tattaaffii mootummaan qulqullinaa fi dhaqqabummaa damee fayyaa fooyyessuuf taasisaa jiruuf deeggarsa cimaa akka qaban mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015