Hojiileen misoomaa Dirree Dawaa fi naannoo ishee keessatti hojjetamaa jiran mootummaan misoomaaf kutannoo akka qabu agarsiisa – Jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misoomaa Dirree Dawaa fi naannoo ishee keessatti hojjetamaa jiran mootummaan misoomaaf kutannoo akka qabu agarsiisa – Jiraattota
Bitootessa 1/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa Dirree Dawaa fi naannawa ishee keessatti hojjetamaa jiran, kutannoo mootummaan misoomaaf qabu kan agarsiisudha jedhan jiraattonni naannichaa.
Jalqaba torbichaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoonni olaanoo mootummaa biroo hojiiwwan misoomaa adda addaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee daawwataniiru.
Hojiiwwan misoomaa bulchiinsa Dirree Dawaa keessatti hojjetaman keessaa mana kitaabaa ammayyaa Immartaa sagantaa maaddii dhalootaanii fi gurgurtaa kitaaba ida’amuun ijaarame, Tajaajila iddoo tokkoo Dirree Dawaa, misooma koridarii, ijaarsa magaalaa deebisanii ijaaruu fi misooma kuduraalee fi fuduraalee ganda baadiyyaa Ganda Rigee kanneen eeramani dha.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin, Mul’anni har’a kaa’ame dhaloota dhufuuf akka darbu hojiirra ooluu akka qabu dubbataniiru.
Haaluma kanaan hojiiwwan misoomaa Dirree Dawaa fi naannawa ishee keessatti hojjetamaa jiran jalqabbii abdachiisaa ta’uu hubachiisuun itti fufuu akka qaban dubbataniiru.
Daawwannaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ilaalchisee yaada isaanii ENA’f kan kennan jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee tattaaffii cimaa mootummaan taasiseen hojiiwwan misoomaa gama hundaan hojjetamaa jiran irratti abdii guddaa qabna jedhan.
Namoota yaada kennan keessaa aadde Araksan Mahammad; daawwannaan Ministira Muummee kun hojiiwwan naannoo sanatti hojjetaman kallattiin madaaluu kan dandeessise yoo ta’u, kunis hooggansaafis ta’e ummataaf gara fuula duraatiif humna kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin misoomaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee keessatti hojjetamaa jiru mootummaan misoomaaf kutannoo qabatamaan qabu kan agarsiise ta’uu kan himan jiraattuun kun, milkaa’ina itti fufiinsa qabuuf ga’ee keenya ni baana jedhan.
Yaada isaanii ENA’f kan kennan jiraataan kan biraan obbo Abdurahmaan Ahmad gama isaaniin; Waggoota jijjiramaa kana keessatti Piroojektoonni misoomaa adda addaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee keessatti hojjetamani fayyadamummaa hunda galeessa kan mirkaneessanidha jedhani.
Obbo Abdurahmaan daawwannaan Ministira Muummee kun piroojektoota misoomaa kanaafis beekamtii kan kennu ta’uu ibsuun, itti fufiinsa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjenna jedhaniiru.
Daawannaan Miinistira Muummee fi turtiin hawaasa waliin taasisan jiraattota biratti gammachuu fi jaalala guddaa kan uume ta’uu ibsuun, bu’aan bulchiinsii fi jiraattonni koridaraa fi misooma biroo keessatti galmaan ga’an daran itti fufsiisuuf hamilee akka isaaniif uume kan ibsan immoo obbo Mahaammad Alii jiraataa Dirree Dawaa dha.
Aadde Ardoo Mahaammad jiraattuu ganda baadiyyaa Ganda Rigee yoo ta’an, daawwannaan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad taasisan hamilee kan isaaniif kenne ta’uu himani.
Jiraataan naannoo sanaa kan biraa obbo Eeliyaas Dallalanyi, Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jijjiirama Dirree Dawaa daawwachuun gara fuulduraatti guddinaa fi misooma Dirree Dawaaf ciminaan akka hojjennu nu jajjabeessa jedhan.
Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi Ahimad, Dirree Dawaa alatti pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Harar fi naannawaa ishee daawwatanii akka turan ni beekama.