Milkaa’inoota waggoottan torban darbanitti gama imaammata Fiskaalaa fi Faayinaansii Mootummaatiin galmaa’an - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoota waggoottan torban darbanitti gama imaammata Fiskaalaa fi Faayinaansii Mootummaatiin galmaa’an
Bitootessa 1/2018(ENA)– Waggoottan torban darbanitti (bara 2010-2017) tti gama imaammata fiskaalaa fi faayinaansii mootummaatiin milkaa’inoonni galmaa’uusaa Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Akka ibsa Ministeerichitti hanqina baajata mootummaa hir’isuuf tarkaanfii fudhatameen, hir’inni baajataa waliigala oomisha biyya keessaa (GDP) keessaa dhibbantaa 2 tuqaa 5 ture gara dhibbeentaa 0.9 tti gadi bu’uu danda’eera.
Riifoormiiwwan galii Mootummaa fooyyessan hojiirra ooluusaaniin galiin walii galaa dachaa 5 oliin guddateera.
Mootummaan kallattii hiyyummaa balleessuu fi misooma mirkaneessuuf akka ooluuf taasifamee baasiin xiyyeeffannoo hiyyummaa hir’isuu irratti taasifamu harka 5 oliin guddachuu danda’eera.
Amanamummaa baajataa mirkaneessuuf, maallaqa madaalawaa yeroo giddu-galeessaa akka cimu waan taasifameef, raawwiin baajataa fooyya'iinsa guddaa agarsiiseera.
Liqaan kallatti Baankii biyyaalessaarraa fudhatamu akka hafu taasiafamuun qaala’insa gatii to’achuuf gumaacha taasiseera.
Sirni Ragaan qindaa’aa bulchinsa faayinaansii mootummaa diriirfamuu ibsuun, filannoowwan kaffaltii dijiitaalaa, hojiirra oolchuun sirna faayinaansii ammayyeesuun, sirna bulchiinsa faayinaansii ammayyeesuun danda’amuu ibsaniiru.