Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf carraa tarsiimoo uuma - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf carraa tarsiimoo uuma
Bitootessa 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan ulaa Galaana argachuun ishee nageenyaafi tasgabbii naannoo sanaaf carraa tarsiimoo ni uuma jedhan Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Makonniin.
Waldaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa mata duree “Galaana Diimaa fi ulaa Galaanaa Mirga Uumamaa Itiyoophiyaaf” jedhuun marii gaggeessaa jira.
Akka Jeneraal Yimar Mokonniin itti gaafatamaan olaanaa Barnootaa fi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa ibsanitti, Adulisii fi Zaylaan bara Impaayera Axumitii eegalee karra daldalaa fi aadaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa akka turan seenaan kan agarsiisuu dhugaa lafa jiru dha jedhani.
Dhugaan seenaa kun fedhii siyaasaa dhiyeenya kanaa osoo hin taane mirga seenaa fi uumamaa birmadummaa fi dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waliin kan wal qabatu dha jedhani.
Itiyoophiyaan buufata galaanaa keessaa bahuun guddina dinagdeef gufuu ta’uu ibsuun, dhimma buufata galaanaa kanaaf furmaata argachuun diinagdee Itiyoophiyaa fi walitti dhufeenya diinagdee naannichaaf murteessaa ta’uu akeekaniiru.
Abbummaan buufata galaanaa kun dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa tiksuu qofa osoo hin taane balaa nageenyaa naannichatti mudatu waliin ta’uun ittisuuf dandeettii tarsiimoo kan kennu ta’uu hubachiisaniiru.
Itti dabaluunis dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waliinii fi ida’amuu naannoo irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
Dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa walta’iinsa waloo fi walitti dhufeenya nageenyaa fi bu’uuraalee misoomaa naannichaa cimsuun tumsa Baha Afrikaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru.
Dhimmichi hirmaannaa cimaa akka barbaadu eeruun, kanaafis hirmaannaan cimaan miseensota waldichaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Pireezidaantiin Waldaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, ajajaan shantamaa Biraanuu Amaaree gama isaaniitiin, miseensonni waldichaa dhimma biyyaalessaa keessatti gahee adda duree fudhachaa akka jiran ibsaniiru.
Dhimmi buufata galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin deebii akka argatu waldichi itti gaafatamummaa isaa akka bahus mirkaneessaniiru.