Tamsaasa Kallatti:

Hojii deeggarsa namomaa hammattoo birmadummaa keessatti gaggeessuun bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira

Bitootessa 1/2018 (ENA)–Hojii deeggarsa namoomaa hammattoo birmadummaa keessatti gaggeesuun bu’aawwan qabatamaan galmaa’aa jiraachuusaanii Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Takilamaariyaam ibsan.

Ambaasaaddar Doktar Shifarraa Takilamaariyaam turtii ENA waliin taassisaaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa sirna Balaan dura of qopheessuu fi guyyaa balaan umame sirna haaraa hojiirra oolchuun humna ofiin irra aanuu kan ishee dandeessisu horachuun gara hojiitti galteetti jedhani.


 

Hojichi fandii biyyaalessaa diriirsuu yoo ta’u, kunis hawaasni guutuun kan irratti hirmaatu rakkoon dura qophaa’anii eeguuf kan dandeessisudha jedhaniiru.

Yeroo ammaa Fandii sodaa yeroo balaa Itiyoophiyaa gurmaa’ee hojiin qabeenya walitti qabuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Dabalataanis sirni kuufama of-eeggannoo diriirsuu ta’uu eeruun, kunis sadarkaa maatiirraa eegalee hanga kutaa hawasaatti guyyaa hamaaf yeroo gaariitti of qopheessuu sagantaa jedhuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Kanaaf kan gargaaru mankuusaa yaadama Saayinsaawaa irratti hundaa’ee Sadarkaa Federaalaa fi Naannootti ijaaruun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waggoottan lamaan darban naannooleen kudhan deeggarsa namoomaa Mootummaa Federaalaarraa tokko osoo hin gaafatiin dandeettiisaaniin akka deeggaran ta’uu eeraniiru.

Ammaan dura gargaarsa nyaataaf midhaan Alaa galchuuf baasiin doolaara biiliyoona lama ta’u omisha biyya keessaan bakka busuun danda’amuu hubachiisaniiru.

Duudhaa wal gargaarsaa bakkeewwan adda addaatti mul’atan hoj-maata dhaabbataa taasisaa jiraachuusaanii komishinichi dubbataniiru.

Hojiin jijjiiramaa kun itti gaafatamummaa maatii fi deeggarsa hawaasummaa cimsuun ta’uu biyyaa jabduu ijaaruuf bu’uura jabaa ta’uu mirkaneessaniiru.

Fuula M

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015