Tamsaasa Kallatti:

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu humna oomishuu Industirootaa fooyyessuu fi carraa hojii bal’aa uumuuf gargaareera

Bitootessa 1/2018(ENA)- Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu humna oomishuu Industirootaa fooyyessuu fi carraa hojii bal’aa uumuuf gargaaruusaa kantiibaan bulchiinsa magaalaa doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu rakkoolee caasaa damee industirii oomishaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan furuun hojiileen bu’a qabeessa akka galmaa’an taasisaa jira.

Sosochiin kun oomishaalee biyya alaarraa galan biyya keessatti gama bakka buusuutiin, galii alergii gama guddisuutiin, humna oomishuu industiriiwwanii gama fooyyessuutiin akkasumas carraa hojii gama uumuutiin bu’aa quubsaa agarsiisaa jira.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa sosochiin kun industiriiwwan magaalichaa bal’inaan hojiitti akka galanii fi bu’a qabeessa akka ta’an humna guddaa uumuusaa ibsaniiru.

Dureeyyiin eyyama daldalaa fudhatanii hojii osoo hin eegaliin turan gara ijaarsaa fi oomishaatti akka galan taasifamuu eeranii, haala Kanaan industiriiwwan oomishaa 800ol humna guutuun hojiitti akka galan taasifamuu dubbataniiru.

Walakkaa wagga bara bajataa kanatti liqaan birrii biiliyoona 40 ta’u mijaa’uusaas kantiibichi mirkaneessaniiru.

Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtu jedhu carraa hojii bal’aa uumuudhaan gama daldala alergiinis bu’aan qabatamaan galmaa’aa akka jiru wabeeffataniiru.

Dameen kun caasaa dinagdee biyyattii gama deeggaruutiin qooda adda durummaa bahaa akka jiru beeksisaniiru.

Bulchiinsi magaalicha dame industirii oomishaa caalaatti guddisuu fi dureeyyiif haala mijataa uumuuf hudhaalee jiran adda baasuun furuuf hojii hojjetu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015