Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise
Guraandhala 30/2018(ENA):-Naannoo Oromiyaatti Misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuuf Inisheetivonni bocaman bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.
Guddina damee Qonnaa saffisiisuuf hojiiwwan qorannoo haaraan gaggeeffamaa jiru.
Bifa haaraan ilaalamanii paakeejiiwwan Misoomni Aannanii, Lukkuu, Qurxummii fi nyaanni beelladaa hojiin eegalamerratti, leenjiin hubannaa hoggantootaa fi ogeeyyii sadarkaa sadarkaan jiraniif qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka ibsanitti, Qonna Ceesisuuf Inisheetivota bocaman keessaa misooma qabeenya Beelladaa Ammayyeessuun isa tokko.
Inishetiivota oomishtummaa qabeenya beelladaa guddisuu fi damicha ammayyeessuuf hojiirra oolaa jiraniin, bu’aawwan qabatamaa fi jijjiiramoonni galmaa’aa jiru jedhaniiru.
Kanaanis birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf, nyaataa fi sirna nyaataa idileessuuf tattaaffiiwwan taassifaman keessatti, bu’aawwan galma kana milkeessan argamaa akka jiran ibsaniiru.
Hojiiwwan fooyya’iinsa sanyii beelladootaarratti hojjetaman, keessattuu mala diqaalomsuun (artificial insemination) fayyadamuun misooma qabeenya aannanii guddisuu bira darbee, jabbilee fi raadotni fooyya’an akka dhalatan taasisuu ibsaniiru.
Waggaa waggaatti sa’a Aannanii Miliyoona 2 tuqaa 5 ol diqaalomsuun danda’amuu kaasaniiru.
Dabalataanis Misooma Lukkuun, Qurxummii fi dammaan bu’aan argamuu ibsaniiru.
Inishetiivii misooma dammaa milkeessuuf, waggaa waggaatti gaagura dammaa ammayyaa miliyoona 1 tuqaa 5 raabsamaa akka jiru eeraniiru.
Oomishni dammaa gaagura ammayyaatiin akka gaggeeffamu taasifamuunsaa, oomisha gaagura aadaa irraa argamaa ture Kg. 10 hin caallerraa, giddu-galeessaan gara Kg. 25tti guddisuun danda'amuu dubbataniiru.
Biirichatti, Itti Gaafatamaa Damee Misooma Qabeenya Beelladaa Obbo Toleeraa Dabalaa qabeenya beelladaa ammayyeessuuf hojii hojjetamaniin bu’aawwani fi Muuxannoowwan argaman cimsuun itti fufsiisuuf Qonna ceesisuuf galma qabame ta’uusaa waltajjicharratti ibsaniiru.
Dabalataanis misooma sa’a Aannanii, lukkuu, Qurxummii, Dammaa fi misooma nyaata beelladaa dabalatee paakeejiiwwan bifa haaraan hojiirra oolan ja’arratti hubannoo kennuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.