Ijaarsi Piroojektii daandii Ayyar Xeenaa-Kaarraa,Walattee fi Atoobis Taraa – Marfata 18 haala saffisaa ta’een hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi Piroojektii daandii Ayyar Xeenaa-Kaarraa,Walattee fi Atoobis Taraa – Marfata 18 haala saffisaa ta’een hojjetamaa jira- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Guraandhala 30/2018(ENA): Pirojektoonni Ijaarsa daandii Ayyar Xeena-Kaarraa,Walattee fi Awutoobis Taraa – Marfata 18 Massaalamaa haala saffisa qabuun hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee haala hojii pirojektoota ijaarsa Daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee fi Atoobis Taraa - Masaalamiyaa –Marfata 18 daawwataniiru.
Piroojektiin ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa- Kaarraa Walattee ji’oota muraasa dhufan keessatti guutummaatti xumuramee tajaajila ummataaf banaa akka ta’u ibsaniiru.
Dabalataanis piroojektiin Daandiin Atoobis taraa -Massaalamiyaa –Marfata 18 baatii Muddee dhufu xumuramee tajaajilaaf akka gahu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Kantiibaa Adaanechi yeroo daawwannaa isaanii akka ibsanitti, ijaarsi dandii Atoobis Taraa – Massaalamiyaa- Marfata 18 sababa gufuuwwan garaa garaatiin yeroo dheeraaf harkifatee kan ture ta'us, yeroo ammaa kana garuu haala qindoomina qabuu fi ariifataadhaan raawwatamaa jira jedhaniiru.
Piroojektichi dheerina Kilomeetira 3.3 kan qabu yoo ta’uu, karaa bal'ina sarara 6 qabu ta'uu isaa dubbataniiru.
Pirojektichi karaa lafa jalaa (underpass) ammayyaa kan dabalatu yoo ta'u, bu'uraaleen misoomaa humna ibsaa fi bishaanii hundi haala qindoomina qabuun guutamaniiru jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, Kantiibaan kun haala hojii piroojektii ijaarsa daandii Ayyar Xeenaa - Kaarraa Walattee daawwataniiru.
Haaluma kanaan Piroojektichi raawwii fooyya'aa irra akka jiru mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru.
Piroojektiin kun dheerina kiiloomeetira 5.6 kan qabu yoo ta’u, bal’innisaa meetira 40 dha. Kunis dhiphina daandii tiraafikaa akka salphisu himaniiru.
Ijaarsi piroojektoota daandii kunneenii yeroo xumuramu, dhiphina daandii tiraafikaa naannichatti mul’atu sadarkaa olaanaan akka hir’isuu fi sochii daldala magaalattii saffisiisuuf gumaacha guddaa akka qabaatu eeggama jedhani.