Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsa buufata sarara raabsa humna ibsaa magaalota Finfinnee fi Shaggariif haaromsi taasifamaafii jira

Guraandhala 30/2018 (ENA): Magaalota Finfinnee fi Shaggar keessatti dhiyeessii humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessuuf piroojektiin sarara raabsaa haromsamu ijaaruu fi dandeettii babal’isuu marsaa 4ffaa gaggeeffamaa jira.

Hojii gaggeessaan Komunikeeshinii Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Anwaar Abraar ENAtti akka himanitti hojiin kun birrii biiliyoona 4.3’n hojjetamaa jira jedhani.

Haaluma kanaan hojiin kun deebisanii ijaaruu fi dandeettii babal’isuu neetworkii raabsaa kiiloo meetira 703 kan hammate ta’uu akeekaniiru.


 

Kana malees, tiraansifoormaroota haaraa dandeettii adda addaa qaban 2,000 akka dhaabuu fi tiraansifoormaroota amma turan 2,000 humna isaanii fooyyessuun akka hojjetamu eeraniiru.

Piroojektichi sarara dabarsoo 56 buufata raabsaa humnaa haaromsuu fi fooyyessuu, akkasumas fayyadama humnaa eeyyamame caalu to’achuuf bireekii swiichoota loodii (humna) ittisuu danda’u 62 dhaabuu kan of keessatti hammate ta’a jedhameera.

Raawwiin fiizikaalaa waliigalaa piroojektichaa dhibbeentaa 36.74 akka ga’e kan eeran yoo ta’u, dhaabbii utubaawwan konkiriitii kuma 2 fi 857 xumuramuu ibsaniiru.


 

Hojiin kun yeroo xumuramu sarara dabarsoo humnaa giddu galeessaa kiiloo meetira 100 dheeratu Finfinnee fi magaalaa Shaggar keessatti irra deddeebiin ciccituu humna ibsaa waggaatti dhibbeentaa 27’n akka hir’isu himaniiru.

Gubannaa tiraansifoormaraa gara dhibbeentaa 2tti akka hir’isus akeekaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015