Tamsaasa Kallatti:

Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu'aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu - Ministira Piroofeesar Biraanuu Naggaa

Guraandhala 30/2018 (ENA): Dhaabbileen barnoota olaanoo itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii bahachuu fi bu’aa hiika qabu galmeessisuuf waliin hojjechuu qabu jedhan Ministirri Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaan.

Ministeerri Barnootaa gamaaggama raawwii hojii walakkeessa waggaa dhaabbilee barnoota olaanoo bara 2018 hojiiwwan ijoo Finfinneetti guyyoota lamaaf kan turu gaggeessaa jira.


 

Waltajjicharratti Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Humna Namaa, bobbii Hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Dr. Nagarii Leencoo Ministira Barnootaa piroofeesar Biraanuu Ngggaa, pireezdaantonni yunivarsiitii fi hoggantoonni olaanoo biroo argamaniiru.

Ministirri Ministeera Barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo gaggeessuu fi lammiilee gahumsa qaban oomishuuf gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaabbileen kunneen haala addunyaa amma jiru keessatti dorgomaa akka ta’an xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hoggansa irraa kaasee hanga humna hojjetaa sadarkaa gadiitti qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan himan Ministirri kun, dhaabbileen kunneen guddina biyyaatiif gumaacha qaban daran akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.


 

Deetaan Ministeera Barnootaa Koraa Xushanee gama isaaniitiin dhaabbileen kunneen aadaa hojii fi itti fayyadama teeknooloojii irratti guddina agarsiisuu isaanii eeraniir.

Hojiin qorannoo yunivarsiitiiwwan fooyya’aa ta’uu bira darbee qaqqabummaa barnootaa fi hammatamummaa mirkaneessuun qulqullina qorannoo irrattis xiyyeeffannaan ni hojjetama jedhan.

Madaalliin kun bu’uura waliigaltee Ministeericha waliin taasisaniin hojiiwwan dhaabbileen gaggeessanii fi rakkoolee isaan mudatan gadi fageenyaan adda baasuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015