Manni kitaabaa Immartaa yeroo tokkotti namoota 1,000 tajaajiluu danda'a - Waajjira Ministira Muummee - ENA Afaan Oromoo
Manni kitaabaa Immartaa yeroo tokkotti namoota 1,000 tajaajiluu danda'a - Waajjira Ministira Muummee
Guraandhala 30/2018 (ENA): Manni Kitaabaa Immartaa bajata gurgurtaa Kitaaba Ida’amuu Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin barreeffamee fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa irraa argameen kan ijaarame yoo ta’u, yeroo tokkotti namoota 1,000 tajaajiluu akka danda’u Waajjirri Ministira Muummee beeksise.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Mana Kitaabaa Imartaa Dirree Dawaa daawwataniiru.
Kana hordofuun Waajjirri Ministira Muummee odeeffannoo fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeen, Manni kitaabaa kun bal’ina kaareemeetira 1,000 ol irratti argama jedheera.
Bu’uuraalee misoomaa ammayyaa akka qabaatuuf ijaaramuus beeksiseera.
Manni kitaabaa kuni darbii sadii kan qabu yoo ta’u, Namoota tajaajila kana barbaadaniif qilleensa qulqulluu bakka itti gammadanii dabarsan kan qabudha.
Manni kitaabaa kun bakka dubbisa qaroo dhabeeyyii(Bireelii), wiirtuu IT fayyadamtoota fedhii addaa qabaniif, bakka dubbisaa alaa, kutaa dubbisaa fi qo’annoo dhuunfaa fi garee fi kutaa konfiraansii of keessaa qaba.
Girgijjii kitaabaa irratti qofa dandeettii kitaabota miliyoona 1 qabachuu akka qabu himameera.