Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho'an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban - Doktar Ballaxaa Mollaa - ENA Afaan Oromoo
Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho'an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban - Doktar Ballaxaa Mollaa
Guraandhala 29/2018 (ENA): Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa diinota seenaa biyyattiitti dabarsanii kennuuf hojjetan siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban jedhan dura taa'aan Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Doktar Ballaxaa Mollaa.
Galaanni Diimaan gabeenya uumamaa keenya eeyyamaa fi hirmaannaa Ummata Itiyophiyaan ala shira Siyaasaan dhabneedha kan jedhan Doktar Ballaxaan, karaa bu'uura seeraa tokkollee hin qabneen akka dhabnu ta'uun shira cimaa Itiyophiyaanota hunda irratti raawwatame ta'uu dubbataniiru.
Qabeenya seena qabeessa kana dhabuun dhaloota ammaa biratti miira gaabbii kan uumuu ta’uu eeruun, gaaffiin abbaa qabeenyummaa Ulaa Galaanaa mirga uumamaa, Seeraa fi teessuma lafaa bu'uureffate ta'uus hubachiisaniiru.
Mootummaan gaaffii ummataa kana deebisuu fi bu'aa tarsiimawaa Itiyoophiyaa kabajchiisuuf karaa dippiloomaasummaan daandii dheeraa imaluu himaniiru.
Gaaffichi ajandaa biyyaalessaa ta'uus paartiin isaanii akka deeggaru mirkaneessaniiru.
Haalli mijataan mirga uloaa Galaanaa argachuu biyyattiin Seenaa fi uumamaan qabdu irra deebiin mirkaneessu uumamuu akka qabus eeranii, paartiin isaanii gaaffii haqaqabeessa kana galmaan ga'uuf kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan laga Abbayyaa madda humna elektirikaa akka ta'uuf hidhuun fayyadamummaa ishee qormaatilee hedduu keessatti milkaneessuu eeranii, gaaffii ulaa galaanaa irrattis waloon hojjechuun akka barbaachisu dubbatani.
Seenaa keessatti diinonni biyyattii carraaqqiiwwan misoomaa ishee akka gufataniif halkanii guyyaa akka hojjetan himanii, Itiyoophiaanonni garuu diina waloo isaanii dhimma ittiin ofirraa qolatanii dha jedhan.
Wayita ammaa kanatti dhimmoota faayidaa bayyaalessaa caalaa ajandaan biraa xiyyeeffannaa argachuu qabu akka hin jirre himaniiru.