Tamsaasa Kallatti:

Dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf sochiin qaamaa aadeffamuu qaba

Guraandhala 29/2018 (ENA): Hawaasni dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf sochii qaamaa aadeffachuu qaba jedhani Deetaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa. Ministeerri Fayyaa, dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi kutaalee hawaasaa adda addaa waliin ta'uun, mata duree "Dhukkuboota daddarboo hin taane haa ittisnu!; Yeroodhaan haa qoratamu; haa yaalamnu!; Fayyaa keenya haa eeggannu!" kan jedhuun sochiin qaamaa, qorannoo fayyaa fi agarsiisni akka qaama sagantichaatti gaggeeffameera.


 

Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa sagantaa kana sababeeffachuun akka himanitti, Dhukkuboota daddarboo hin taane sochii qaamaa yeroo hunda gochuun ittisuu fi to’achuun ni danda’ama jedhani.

Dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sukkaaraa fi kaansarii, akkasumas dhibee sammuu fi dhibeewwan daddarboo hin taane biroo ittisuuf hojiiwwan hedduun imaammata fayyaa waliin walsimuun hojjetamaa akka jiran himaniiru.

Lammiileen sochii qaamaa fi akkaataa jireenya isaanii jijjiiruun dhukkuboota ittisuu fi to’achuu akka danda’aniif waltajjiiwwan adda addaatiin hubannoon kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbatichi kutaalee hawaasaa adda addaa waliin ji’a ji’aan sochii qaamaa gaggeessaa jiraachuu eeruun, kunis hariiroo hawaasaa cimsuuf ni gargaara jedhani.

Akkasumas sochiin qaamaa ji’a ji’aan Finfinneetti eegalame naannoolee biyyattii hundaafi dhaabbilee fayyaatti akka babal’atu akeekaniiru.

Hawaasni dhibeewwan daddarboo hin taane itti fufiinsaan ittisuu fi to’achuuf aadaa sochii qaamaa horachuu qaba jedhaniiru.


 

Hirmaattota sochii sochii qaamaa har'a gaggeeffame keessaa; aadde Taakkelech Mogas fi Mohaammad Tamaam gama isaaniitiin dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf nyaata fayya qabeessaa fi sochii qaamaa barbaachisaa ta’e hojjechuun gaarii dha jedhaniiru.

Bu’uuraaleen misoomaa fi iddoowwan magariisaa magaalaa Finfinneetti misooma koridariin ijaaraman sochii qaamaatiif mijatoo waan ta’aniif hawaasni ispoortii fayyaa hojjechuu akka qabus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015