Tamsaasa Kallatti:

Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa.




Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti.
Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera.


Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru.

Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani.
Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru.




Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani.
Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru.

Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015