Tamsaasa Kallatti:

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kan nu danddeessisu Kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf qophoofneerra- Jiraattota

Guraandhala 29/2018 (ENA): Jiraattonni Godina Boorana Bahaa magaalaa Nagallee Booranaa, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf isaan dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee kennuudhaaf qophaa’aa akka jiran himani.

Galmeen filattotaa tokkoon tokkoon buufata filannootti Guraandhala 28/ 2018 akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’etti eegaluun isaa ni yaadatama.

Haaluma sagantaa kanaatiin ENA’n jiraattota buufata filannoo magaalaa Nagallee Booraanaatti kaardii galmee filattootaa fudhachaa turan dubbiseera.

Jiraattota magaalattii keessaa obbo Gurraachaa Jaataniin filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa keessa gaggeeffamu irratti hirmaachuuf dursanii qophii ta’uu himan.

Kanaafis kaardii galmee filattoataa fudhachuun paartii guddinaa fi misooma biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee keenya ni laatna jedhaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filattootaa fudhachuuf kan dhufan jiraataan Ganda Gobichaa kan ta’an obbo Turaa Liiban mirga lammummaakootti fayyadameen hiree biyya keenyaa kan murteessu sagaleekoo kennuuf kaardii filattootaa fudhadheera jedhani.

Jiraataan magaalattii kan biraa dargaggoo Maammush Fayisaa kaardii filattootaa kan fudhate paartii biyyaaf ta’a jedheen amane filachuuf qophaaheera jedheera.

Qindeessaan filannoo Nagallee obbo Abbaynaa Warquu akka ibsanitti, galmeen filattotaa buufata filannoo Godinichaa hundattii fi magaalaa Nagallee Booranaa keessatti karaa nagaa gaggeeffamaa jira jedhani.

Akkasumas qindeessitoonni filannoo 167 adeemsa galmee filattotaa itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiranii fi gaggeessitoonni filannoo 668 galmee kanas raawwachaa akka jiran beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015