Hojiin dhaloota ogummaa fi naamusa qabu horachuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Ministira Mufarihaat Kamiil - ENA Afaan Oromoo
Hojiin dhaloota ogummaa fi naamusa qabu horachuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Ministira Mufarihaat Kamiil
Guraandhala 29/2018 (ENA): Dhaloota ogummaa, beekumsaa fi naamusa qabu horachuuf tattaaffiin taasifamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa aadde Mufarihaat Kamiil ibsani.
Inistiitiyuutiin Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa naannoo Boolee Arraabsaatti kan ijaarsise sagantaa eebba mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa duraa fi jalqabsiisa ijaarsa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa gaggeessaa jira.
Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa aadde Mufaarihaat Kamiil ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin daa’immanii fi dargaggoota ogummaa qaban horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan.
Manni barumsaa hawaasa bu’uura godhate har’a eebbifame dhaloota ogummaa, beekumsaa fi naamusa qabu horachuuf gumaacha akka taasisu ibsaniiru.
Dhaloota dandeettii fi beekumsaan guddate horachuuf hundi keenya itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna jedhan.
Deetaan Ministieera Barnootaa Ayyalechi Isheetee gama isaaniin, cabinsa barnootaa suphuuf hojiin hedduunhojjetamaa jiraachuu eeruun, barnootaa fi leenjiin lammiilee gara beekumsa olaanootti ceesisuuf hojiin hojjetamaa jirus gaarii ta’uu himani.
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa Dr. Biruuk Kadir akka ibsanitti,manni barumsaa har’a eebbifame kun lammiilee rakkoo furuu danda’an uumuuf kan akeekedha jedhani.
Manni barumsichaa dargaggoonni beekumsa ogummaan guddate akka horatan taasisuuf kan kaayyeffate ta’uus ibsaniiru.
Manni barumsaa moodeela akkasii ijaaramuun isaas ilaalcha badaa barnoota ogummaa irratti jiru sirreessuuf kan akeeke ta’uu ibsaniiru.