Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti hojiin murtee dubartoonni kennuuf qaban guddisuuf danda’an hojjetamaa jiru – IGAD

Guraandhala 29/2018 (ENA): Dhaabbanni Wal-ta’insa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) tarsiimoo koorniyaa dabalatee hoggansaa fi murtee kennuuf dubartoonni  qaban naannichaa guddisuuf hojiileen hojjetamuu beeksise.

Guyyaan dubartoota idil addunyaa har’a yeroo 115ffaaf qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira.

“Mirga, Haqaa fi deebii Gochaan ;Dubartootaa fi Shamarran Hundaaf” kan jedhu mata duree Guyyaa Dubartoota Addunyaati.

Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrika (IGAD)  guyyaa dubartootaa sababeeffachuun ergaa dabarseera.

IGAD dandeettii hoggansa dubartootaa, rakkoof kan hin jilbeeffannee fi gumaacha isaan naannicha keessatti nageenya, badhaadhinaa fi jijjiiramaaf gumaachaniif kabajaa fi beekamtii kan kennu ta’uu ibseera.

IGAD hirmaannaa dubartootaa gahee hoggansa naannicha keessatti guddisuuf hojjechaa akka jiru hubachiiseera.

Waltajjiiwwan IGAD nageenya, qonna, nageenya dijitaalaa, hubannoo namtolchee fi bulchiinsa lafaa, akkasumas Tarsiimoo Koorniyaa IGAD dabalatee jalqabbiiwwan adda addaa hojiirra ooluu isaanii hubachiisaniiru.

Sekreetariyaatiin IGAD sagaleen dubartootaa akka dhaga’amuu fi hirmaannaan isaanii guutuun akka mirkanaa’uuf waltajjii uumuu isaa ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015