Tamsaasa Kallatti:

Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira.

Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani.


 

Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru.

Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru.

Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru.

Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru.

Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru.

Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani.


 

Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015