Tamsaasa Kallatti:

Ummanni Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabuuf tumsa isaa cimsee itti fufuu qaba – Hayyoota

Guraandhala 29/2018 (ENA): Ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma itti fufiinsa qabuuf tumsa cimsu akka itti fufuu qabu hayyoonni Yuunivarsiitii ibsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad turtii ENA Afaan Tigree waliin taasisaniin akka ibsanitti, misooma hunda galeessaa fi nageenya sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru irraa ummanni Tigraay fayyadamoo ta’uu akka qabu eeruun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan misooma hunda galeessa fi fayyadamummaa ummata naannichaaf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsuun gareen ABUT waraana biraatiif hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Ibsa Ministira Muummee ilaalchisee, Yunivarsiitii Boongaatti barsiisaan kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Gargaaraa Piroofeesaraa Yaareed Ayyaaloo ENA waliin turtii taasisaniin, gareen ABUT ilaalcha siyaasaa yeroo waliin hin deemne qabatee waraanaaf dargaggoota qopheessuun sirrii akka hin taane hubachiisani.

Kunis naannoon Tigraay fi ummanni ishee jijjiirama irraa akka hin fayyadamne gufuu ta’uu eeraniiru.

Ibsi Ministeera Muummee ejjennoo cimaa mootummaan ummanni Tigraay nagaa fi misooma irraa fayyadamoo ta’uu qaba jedhu ta’uu ibsuun, gareen ABUT faallaa kanaa ta’ee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaaf, keessumattuu ummanni naannichaa kaka’umsa guddaa fudhachuun yaada garee ABUT yeroon isaa darbe jijjiiruuf socho’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Gareen ABUT ummata Tigraay keessattuu dargaggoonni jijjiirama akka biyyaatti dhufe irraa akka hin fayyadamne gochuun miidhaa hamaaf isaan saaxilaa jira jedhani.

Doktar Yaareed akka himanitti, ibsi Ministirr Muummee kennan kan agarsiisu mootummaan ummanni Tigraay gara nagaatti deebi’ee misooma irraa fayyadamoo akka ta’uuf fedhii cimaa akka qabu kan agarsiisu ta’uu jedhani. Kanaaf ummanni Tigraay tattaaffii mootummaa deeggaruun jijjiiramaaf hojjechuutu irraa eegama.


 

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaada ijoo ummata Tigray ni fayyada jedhanii eeran barbaachisaa waan ta’eef uummanni carraa kanatti fayyadamuu qaba kan jedhani immo Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Addisuu Firiinjoo dha.

Ilaalchi siyaasaa kamiyyuu yeroo waliin adeemuu kan qabu ta’uu kan eeran hayyuun kuni, gareen ABUT ilaalcha fudhatama hin qabnee fi yeroon isaa irra darbeen deemuun sirrii akka hin taane dubbatani.

Dargaggoonni yeroo hunda nagaaf dhaabbachuu akka qabanis dubbataniiru.


 

Ergaa fi ibsi Ministira Muummee kennan haala amma naannoo Tigraay keessa jiru irra darbee sirna siyaasa Itiyoophiyaa kan agarsiise ta’uu Yunivarsiitii Miizaan Teeppiitti barsiisaan saayinsii siyaasaa Bimarriq Barihuun himaniiru.

Kunis nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf hiika guddaa qabaachuu eeruun, keessattuu dargaggoonni Tigraay garee ABUT duubatti hafaa waliin jiru dhiisuun filannoo fooyya’aa waliin dhaabbachuu qabu jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015