Hojiin walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu fi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuu dandeessisan cimanii itti fufu- Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee - ENA Afaan Oromoo
Hojiin walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu fi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuu dandeessisan cimanii itti fufu- Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee
Guraandhala 29/2018 (ENA): Hojiin walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu fi fayyadamummaa dubartoota mirkaneessuu dandeessisan cimanii akka itti fufan Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee himani.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil addunyaa sababeeffachuun balalii dubartoota qofaan hogganamu saddeet biyya keessaa fi biyya alaatti taasifamu beeksise.
Ministirri kun kan kana ibsani guyyaa dubartoota idil addunyaa Maarchi 8 (March 8, 2026) kabajuuf Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa hojjettoota isaa hunda dubartoota ta'aniif Hoteela Iskaayilaayititti qopheesse irratti dha.
Daandiin xiyyaaraa kun guyyaa dubartoota sadarkaa idil addunyaatt yeroo 115ffaaf, akka biyyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jiru kabajuuf balalii dubartootaan durfamu saddeet ni gaggeessa.
Wayita kanatti Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee akka himanitti, daandiin qilleensaa kun dubartoota gahoomsuuf hojii fakkeenyummaa qabu raawwachaa jira jedhani.
Daandiin qilleesaa walqixxummaa koorniyaa, hirmaannaa dubartootaa fi gahumsa dubartootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, dameen dhuunfaas dubartoota gahoomsuuf fi carraa walqixxummaa uumuu keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban dubbataniiru.
Mootummaan dubartoota gahoomsuufi fayyadamummaa isaanii cimsuuf hojiin hojjetaa jiru cimee itti fufa jedhani.
Itiyoophiyaatti Daarektarri Dhaabbata Dubartoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jaaneet Kiim akka ibsanitti, Balaliin Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa kan dubartootaan hogganamu kuni kan agarsiisu dubartoonni carraan kennameefi taanan hojii kamiyyuu hojjechuu akka danda’an kan agarsiisu ta’uu dha jedhani.
Daandiin xiyyaaraa kun damee aviyeeshinii keessatti hojii gaarii hojjechaa jiruun alattis dubartoota damichaa gahoomsuun ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsuu, kun gocha qajeelfama walqixxummaa addunyaaf agarsiise dha jedhani.
Hojii gaggeessaan olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gama isaaniin, sagantaan balalii kun guutummaatti dubartoota, balaliistota irraa kaasee hanga to'attoota tiraafikaa qilleensaatiin kan hoogganamudha jedhani.
Daandiin xiyyaaraa kun waggoota muraasa darbaniif biyyoota filatamoo ta’an keessatti balalii dubartoota hundaan taasisaa akka ture yaadachiisuun, bara kana balaliin saddeet gara biyya keessaa fi idil-addunyaatti akka adeemsifamu himaniiru.
Yeroo ammaa kana hojjettoonni daandii xiyyaaraa Itiyoophiyaa dhibbeentaan 40 fi hoggantoonni dhibbeentaan 35 dubartoota yoo ta’an, lakkoofsi balaliistota dubartootaa 95 gahuu ibsameera.
Sagantaan balalii kun dubartoota qofaan ta'uunis hirmaannaa isaanii damee aviyeeshinii keessatti daran cimsuun faayidaa guddaa akka qabu hubatameera.