Hawaasni musliimaa lammiilee rakkatan gargaaruu fi deeggaruun baatii Ramadaanaa dabarsuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni musliimaa lammiilee rakkatan gargaaruu fi deeggaruun baatii Ramadaanaa dabarsuu qabu
Guraandhala 28/2018(ENA)- Hawaasni musliimaa lammiilee rakkatan gargaaruu fi deeggaruun baatii Ramadaanaa dabarsuu akka qabu pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim ibsan.
Sagantaan Ifxara daandiirraa guddichi 6ffaan mata duree “Najaashiin Biyyaaf” jedhuun qophaa’e magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Uztaazonni, abbootiin amantaa, keessummoonni afeeramanii fi hordoftoonni amantaa Islaamaa sirna kanarratti argamaniiru.
Ifxaara daandiirraa guddicha bifa Kanaan waloomaan gaggeessuu danda’uun guddaa nama gammachiisa jedhan Pirezidaantiin mana maree walii galaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahiim ergaa saganticharratti dabarsaniin.
Waltajjiin kun tokkummaan hawaasa musliimaa jecharra darbee qabatamaan kan ittiin mul’ate ta’uu dubbataniiru.
Dargaggoonni itti gaafatamummaa fudhatanii sagantaa kana qopheessuunsaanii kan dinqisiifamudha kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaa, dargaggoonni kaayyoo tokkoof dhaabatanii arguu kootti gammachuun guddaan natti dhaga’ameera jedhan.
Ramadaanni baatii kanneen rakkatan itti gargaaraman ta’uu hubachuudhaan hordoftoonni maaddii qooduudhaan kanneen rakkatan deeggaruun irraa eegama jechuun hubachiisaniiru.
Itti aanaan pirezidaantii mana maree olaanaa Finfinnee Sheek Mahaammad Shariif Hasan gamasaaniin,Baatii ramadaanaatti waloomaa fi wal gargaarsa gabbisuun ni barbaachisa jedhaniiru.