Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan murteesse injifannoo idil addunyaati- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee

Guraandhala 28/2018(ENA)- Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan agarsiise injifannoo idil addunyaati jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee.

Sagantaan eebba kitaabaa “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” jedhamu kan qindeessummaa magaalaa Finfinneetiin qophaa’e yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.

Kitaabni kun yaadaanis ta’e qabiyyeedhaan cimaa fi seenaa milkaa’edha jedhan pirezidaantiin FDRI Taayyee Astqasillaasee wayita eebbaa kana.

Kitaaba “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” irratti dubbiin ijoon seenaan qabachuu qabu hammatamuusaa ibsaniiru.

Gootota Adwaa seenaan dagate sirriitti yaadachuudhaan carraaqqiin taasise kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru.

Dubbiin ijoo Yaadama kitaabichaa miira Itiyoophiyummaa kan qabsiisu abdii fi hawwii haaraaf kan kakaasu galmee seenaa ta’uusaa kaasaniiru.

Kitaabni “Adwaan injifannoo Itiyoophiyaanotaa baratti darbuu fi yaadannoo waloo” bara keessa jirru kan ittiin hojjennuu fi boru immoo kan ittiin hordofnuta’uu himaniiru.

Injifannoon Adwaa kutannoo Itiyoophiyaanonni biyyasaaniif qaban kan agarsiise injifannoo idil addunyaati kan jedhan Pirezidaanti Taayyeen, kitaabni kun injifannoon Adwaa Itiyoophiyaarra darbee faayidaa idil addunyaatti qabu agarsiiseera jedhan.

Kitaabni kun sanada beekumsa babal’isu, hir’uu kan guutu, of sakatta’uuf, of qorachuuf kan kakaasuu fi yaadama sababa qabeessa kan gabbisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015