Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen riifoormii dhaabbileen hawaasa siviilii mandhalee akka babal’atanii fi hojiif haalli mijataan akka uumamu godheera

Guraandhala 28/2018(ENA)- Hojiileen riifoormii jijjiiramaan booda raawwataman dhaabbileen hawaasa siviilii mandhalee akka babal’atanii fi hojiif haalli mijataan akka uumamuuf gochuusaa ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee ibsan.

Torbeen dhaabbilee hawaasa siviilii 5ffaan guyyoota sadiif mata duree “ galma waloof qindoominaan” jedhuun wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addis Intarnaashinaalitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee guduunfaa saganticharratti ergaa dabarsaniin, mootummaan fayyadama ummataa hunda galeessa mirkaneessuuf hojii hedduu raawwachaa jira jedhaniiru.

Dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf riifoormiin seeraa fi hojmaataa taasifame immoo agarsiiftuu ijoo ta’uu himaniiru.

Hojiileen riifoormii gaggeeffaman dhaabbileen mandhalee akka babal’atan, tumsisaanii akka cimuu fi haalli hojii mijataan akka uumamuuf gochuusaa dubbataniiru.

Kun immoo hirmaannaa dhaabbilee hawaasa siviilii jijjiiramaan dura turanii dacha sadiin guddisuusaa eeraniiru.

Torbeen dhaabbilee hawaasa siviilii shanaffaan hojiileen damee Kanaan raawwataman bu’a qabeessa ta’uusaanii qabatamaan kan ittiin mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Yeroo itti aanus dhaabbileen kun haala mijataa uumametti sirriitti gargaaramuun bu’a qabeessummaasaanii caalaatti akka guddisan  dhaamaniiru.

Tattaaffii mootummaan itti fayyadama lammiilee guutummaatti mirkaneessuuf taasisu keessatti qooda dhaabbilee hawaasa siviilii dinqisiifatanii, fuulduras tumsaa fi qindoominaan hojjechuuf kutannoo jiru mirkaneessaniiru.

Dhaabbilee torbee dhaabbilee hawaasa siviilii shanaffaarratti hirmaannaa olaanaa taasisaniif beekamtii kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015