Tamsaasa Kallatti:

Paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jennu filachuuf kaardii filannoo fudhanneerra

Guraandhala 28/2018 (ENA)- Paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jennu filachuuf kaardii filannoo fudhachaa jirra jedhdhan jiraattonni Samaraa Loogiyaatti kaardii filannoo fudhatan.

Akkaataa sagantaa boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin har’a Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa buufataalee filannootti eegalameera.

Riippoortarri ENA buufataalee filannoo Samaraa Loogiyaa irraa jiraattota kaardii filannoo osoo fudhatanii arge dubbiseera.

Jirattonni yaada kennan paartii biyyaa fi ummata fayyada jennu filachuuf kaardii filannoo fudhachaa jirra jedhaniiru.

Adeemsa filannoo Kanaan mirga demokiraasii fayyadamuun kan danda’amu kaardii filannoo fudhachuun ta’uu kaasanii, kanaaf ammoo yeroo osoo hin fudhatiin guyyaa jalqabaa fudhanneerra jedhan.

Jiraattota magaalichaa buufataalee filannootti dubbifne keessaa Afki’ee Alii, Mahaammad Yaayyee fi dargaggoo Habiib Mahaammad paartii biyya gaggeessuu fi ummata fayyadu filachuuf kaardii fudhanneerra, ittis gammanneerra jedhaniiru.

Boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waajjira qindeessaa bordii filannoo naannoo Affaaritti hogganaan kutaa filannoo Dubtii Ibraahim Abdallaa, kutaa filannoo kanatti buufataaleen filannoo 124 qophaa’anii keessummeessuu eegalaniiru jedhaniiru.

Walumaa gala buufataalee filannoo kana keessatti filannoo kan raawwachiisan 496 filattoota keessummeessuuf har’aa eegalee qophii ga’aarra jiraachuu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015