Bu’aa misooma Muduraarraa godinichatti argame caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bu’aa misooma Muduraarraa godinichatti argame caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Guraandhala 28/2018 (ENA)- Bu’aa misooma Muduraarraa godinina Wallagga bahaatti argame caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.
Waajjirichatti dursaan garee Bunaa, kuduraa fi muduraa obbo Asaffaa Mokonnon, godinichi lafa qonnaa misooma muduraaf mijatu akka qabu ENA’f ibsaniiru.
Yeroo dhihoo asitti misoomichaaf xiyyeeffannoon kennamee hojiin misooma muduraa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaa misooma midhaanii cinaatti Avokaadoo, Muuzii, Paappaayaa fi muduraalee filataman kan biroo akka misoomsan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Amma ammaattis muduraaleen garagaraa lafa heektaara kuma 15 fi 371 irratti misoomsuun akka danda’ame ibsaniiru.
Kana keessaa firii buusuu kan jalqaban akka jiran eeranii, bara oomishaa 2017/2018 muduraan kuntaala kuma 100 caalu walitti qabamee gabaaf dhihaachuu ibsaniiru.
Oomishni kun irra caalaan aanaalee Gudayyaa Biilaa, Gobbuu Sayyoo, Sibuu Siree fi Guutoo Giddaatti oomishamuu dubbatanii, qonnaan bultoonni hirmaatanis gabaaf dhiheessanii fayyadamuu eegaluusaanii ibsaniiru.
Misooma Muduraa kanaaf malli qonnaa kilaastaraa hojiirra ooluusaa dubbataniiru.
Godinicha aanaa Gobbuu Sayyootti hirmaataa kan ta’an qonnaan bulaa Sa’id Jilaaluu yaada kennaniin, lafa heektaara tokkorratti Avokaadoo fi Muuzii misoomsuudhaan bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa mootummaan mijeesseefitti fayyadamuun wagga darbee asitti Avokaadoo Kuntaala 33 biyya alaatti erguun bu’aa birrii kuma 150 argachuusaanii ibsaniiru.
Muuziis misoomsuu eegaluusaanii eeranii, yeroo ammaa muuzii bilchaate walitti qabanii gabaaf dhiheessaa akka jiran himaniiru.
Godinicha qonnaan bulaan aanaa Guutoo Giddaa Habtaamuu Dajanee gamasaaniin, Avokaadoo wagga waggaan misoomsanii fayyadamaa akka jiran ibsaniiru.
Kanaan dura midhaan qofa oomishanii galiin argatan xiqqaa ta’uu dubbatanii, yeroo ammaa sanyii filatamaa fi deeggarsa argatanitti fayyadamuun gabaa biyya alaaf dhiheessanii fayyadamaa akka ta’an dubbataniiru.
Barana lafa heektaara walakkaarraa Avokaadoo kuntaala 20 walitti qabuun gabaaf dhiheessuusaanii dubbataniiru.
Misoomni kuduraa fi muduraa galii fooyya’aa argamsiisuun alatti sirna nyaataa isaanii fi maatiisaanii akka fooyyessan isaan gargaaruusaa qonnaan bultoonni ibsaniiru.